Revelation 10:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, “Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaayaa guddo'oo fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha mara'aa, ka banameeru fudhadhu” jettee natti dubbatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani qonqooni anini gubbaa d'agaye ammalle naani dubbate waan jette, Beeni d'aqi, woraqata banisa qabu, ka harka malaika galaanafi lafa gubba ejitu keesa jiru iraa fuud'i.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan qoonqoon anin qaraa gubbaa dhagaye ammallee naan dubbattee, “Beenii dhaqii, waraqata baniisa qabu, ka harka ergamaa galaana fi lafa godduu gubbaa ejjuu keessa jiru fudhadhuu!” naan jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laagaan sami'ii dhagaye deebi'ee yoo natti dubbatu, «Ka'iitii Maleekkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harkaa kitaaba banamte ta harka isa jirtu fudhadhu» yoo jedhu dhagaye; gara Maleekka'aa dhaqee,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Laagaan sami'ii dhagaye deebi'ee yoo natti dubbatu, «Ka'iitii Maleekkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harkaa kitaaba banamte ta harka isa jirtu fudhadhu» yoo jedhu dhagaye, gara Maleekka'aa dhaqee ti,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti sami'ii qooniqqi dhagaye, «Garba ciisa'aa fi arddii irratti harka maleyikkicha dhaabatee irra ka jiru, kitaaba kaldho'oo maramaa deemiitii fudhadhu!» jechu'uun deebisee natti ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha maramaa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte.