Revelation 10:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha mara'aa san akka anaaf kennu gaafadhe; innille, “Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa” naan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gara malaika taani d'aqe, Woraqata diqa kaani naa kenni jed'eeni. Isiini waan naani jette, Fud'ad'u, nyaad'u; garaa ke keesati inhad'oofti, ammo afaani keesati aka damma mioofti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin gara ergamaa kaanii dhaqee, waraqata diqqaa kaan naa kennii jedheen. Innii ammoo, “Fudhadhuu, nyaadhu! Garaa kee keessaatti hinhadhaa, ammoo afaan keessaatti akka damma miyaahaa” naan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabattii diqqoo naa kenni jedheen. Innillee, «Fudhadhuutii nyaadhu; garaa keellee hin hadheessitii, afaan keetitti ammo akka dammaa mi'oofti» naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaabattii diqqoo naa kenni jedheen. Innillee, «Fudhadhuutii nyaadhu garaa keellee hin hadheessitii, afaan keetitti ammoo akka dammaa mi'oofti» naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara maleyikkichaa'llee dhaqee, «Kitaaba shiikkittii maramttuu kaldho'oo naaf kenni» ni jedheen, «Inni'llee fudhadhuutii nyaadhuun, garaa kee keessatti hadhaayaa ni taati, afaan keetitti garuu akka dammaa titti ni mi'ooftti» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha maramaa san akka naaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe.