Revelation 11:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba uleen ittiin mikanu ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, “Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkoy.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ule woiini biimani nati kennani waan jed'ani, kai, Mana Waaqatiifi waan sorio irati qalani biimi jara keesati kad'atu ch'ufa hedi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ulee wayiin biimman natti kennanii, “Ka'ii, Mana Waaqaatii fi waan sooriyyoo irratti qalaaniillee biimmi, nama keessatti kadhatuullee cufa hedi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan ulee fakkaatu ka ittiin madaalan naa kennee, «Dhaqiitii mana woyyuu Rabbiitii fi waan ciincaa itti dhiyeessanillee bikki; worra achitti waaqeffatullee laakkayi» naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan ulee fakkaatu ka ittin madaalan naa kennee, «Ka'iitii mana woyyuu Rabbii, waan kennaa irratti dhiyeessanii fi worra achitti sagadanillee bikki» naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti ulee akka bikkiinssaaf tajaajililuu ka ooyya'aa tokko naaf ni kenname, akkana'llee ni jedhame, «Ka'i, Mana Waaqaa ka Waaqeffanna'aatii fi furdda isaa'llee bikki, worra achitti Waaqeffatan'llee laakkayi,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba uleen ittiin mikanu ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkow.