Revelation 11:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami lafa ch'ufa maro duisa jara kana lamaanitiifi gammade, Jila tolfate, wa woli erge, waan raagi suni lamaani qara gaargala gudda lafatiini d'ufeefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii lafa cufaa marroo du'a jara kana lamaaniitiif gammadeetti, jila tolfatee, wa walii erga, waan raagii sun lamaan qara gaargala guddaa lafattiin dhufeef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ragoonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan; gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Raattonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nabiyyoonni lamaan kunniin namoota arddi'ii sarddamisiisanii waan turaniif, namoonni arddii irra jiraatan marrinuu du'a nabiyyootaatiin ni gammadan, gammachu'uun'llee aayyaana ni qopheessan, kennaa'llee wol ni jijjiiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan.