Revelation 11:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, “Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin moowa” jettu dhage'ante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan torbeessoo magalata ufii dha'ee, qoonqoon guddoon gubbaa dhuftee, “Jabeennii lafaan fidan amma ka Aabboo keennaatii fi ka Kiristoo isaati, innii haga jiruu jireennaa fida” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan torbeesso'oo xurumbaa afuufe. Sami'itti, laagaan guddaan, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa ta Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» jedhu dhagayame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin mowa» jettu dhage'ante.