Revelation 11:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, ka ammaa fi durille jirtu, hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef, si galateeffanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan jette, Aabbo Waaqa Gudda, ka ammafi durile jiru! Nu galata sii deebimna, waan atini jabeenna kanke agarsiifte finna lafa iti keyatteefi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ee Aabboo Waaqaa ka waan cufaa dandeettu, ka ammaa fi duriillee jirtu! Waan ati jabeenna kankee garsiiftee finna lafaa itti keeyyateef nu galata sii galchinaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka jirtuu fi ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf, waan mooteef si galatoonfanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
akkana'llee ni jedhan, «Ka jirttuu fi ka duraan turtte, Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! aangoo kee guddaa harka kee keessa waan taasfittee fi waan mootomteef, si ni galateeffanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, ka ammaa fi durille jirtu, hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef, si galateeffanna.