Revelation 11:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana Waaqa ka gubba jiru banani, sanduqa wold'aqisa kaani Mana Waaqa keesati argani. Duuba hangaasufi dibbeesafi d'uqeesa mandiisutifi chochoiti lafatiifi bokeeni d'akhaani roobe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mana Waaqaa ka gubbaa jiru bannaan, Sanduuqa Waldhaqiisaa kaan Mana Waaqaa keessatti argan, hangaasuun hangaatee, mandiisuu indhuqqiftee, laftii in chochoote, bokkeenii dhakaan roobe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate; laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.