Revelation 11:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yenna fedhane mara balaa te'e maraanu lafa dhowiisaaf baallii qaban.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri jabeenna bokaa d'owu qaba, aka haga worri d'aamsa Waaqa dubbatu bokai imbuune. Jabeenna maddo bisaani ch'ufa d'iiga tolchaniini qabani; ammalle jabeenna gaargala gosa ch'ufa hojja fed'ani ch'ufa lafaani d'ufani qabani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii akka haga warrii dhaamsa Waaqaa himu bokka'ii hinbuune jabeenna bokkaan dhowwu qaba. Jabeenna maddoo bisaanii cufa dhiiga tolchaniin qaba; ammallee jabeenna gaargala gosa gosaa yo fedhan cufa lafaan dhufan qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, hennaa bisaan gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, bisaan hennaa gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan raaga ka itti dubbatan guyyoota kanniintti roobinni akka hin roobinneef samii cufu'uuf aangoo ni qaban, akkuma kana bishaanota gara dhiigaa titti jijjiiru'uu fi yeroo barbaadan yeroma kamittuu, balaa bifa kamiitiinuu arddii dhayu'uuf aangoo ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yennaa fedhane mara balaa te'e maraanuu lafa dhowiisaaf baallii qaban.