Revelation 11:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daawwa'atan, hin awwaalchisanulle'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gosa ch'ufa, ka lafa ch'ufa, ka afaani ch'ufa, guyya sadifi nusa reefa worraa ilaale awaalu d'owa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama cufa keessaa, gosa cufa keessaa, lafa cufa keessaa, afaan cufa keessaa, warrii dhufe, guyyaa sadii fi wadhakaa reeffa warraa daawwachaa awwaaluu dhowwa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra gosa afaan adda addaatii fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihii fi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra gosa afaan adda addaa, fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihiifi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worra adda addaatiif gosoota, afaan adda addaa dubbattootaatii fi ummattoonni, guyyaa sadihii fi wolakka'aaf reeffa isaanii ni laalan, reeffi isaanii akka hin awwaalaminneef'llee ni dhoogan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e.