Revelation 12:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen, “Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti; himattooti obboleeyyan teennaa, ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini qonqo guddo ta akana jettu d'agaye: Amma baafami Waaqaa yayu d'ufe! Waaqi ya irre ufi aka hayyu garsiise! Kristoni isaa ya jabeenna ufi garsiise! Wonti akanatiifi nama oboleyaani teenna himatu, ka halkani guyya Waaqa dura eje worraa himatu, la gubbaa gadi gatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin qoonqoo guddoo: “Amma baafamii Waaqaa yaayyuu dhufe! Waaqii ya irree ufii akka hayyuu garsiise! Kiristoon isa ya jabeenna ufii garsiise! Wanti akkanatiif nama obboleeyyaan teenna himatu, ka halkanii guyyaa Waaqaa dura ejjee warraa himatu, la gubbaa gad gatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessaa laagaan guddaan sami'itti hennaa akkana jedhu dhagaye, «Amma baalliin, fayyinni, hunni, jeennanni ka Waaqa keenna Yesuus Kiristoosiiti. Himattoonni halkanii fi guyyaa Waaqa keenna afo'otti, obboleewwan teenna himatan waan gadi darbamaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Laagaan guddaan sami'itti hennaa akkana jedhu dhagaye. «Amma baalliin fayyinni, hunni, jeennanni ka Waaqa keenna Yesuus Kiristoosiiti. Himattoonni halkanii fi guyyaa Waaqa keenna afo'otti, obboleewwan teenna himatan waan gadi darbamaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti qooniqqi ol aanaa tokko sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Kunoo fayyisummaan, huminni, mootummaan'llee ka Waaqa keennaa ta'ee jira! Aangoon ka Mashichaa ta'ee jira! Obboleeyyan teenna Waaqa keenna duranatti halkanii fi guyyaa ka isaan ni saaxila ture, himataan obboleeyyan teennaa gatamee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen, «Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti. Himattooti obboleeyyan teennaa, ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.