Revelation 12:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan teennalle, dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin isa mooyataneeran; lubbuu ifii adoo hin jaallatin du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan teenna dhiiga Elemoo hoolatii fi dhugaa warrii odeesuun isa dabsatti; warrii akka jireenna ufii baasee dhumu kurfoo jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa uf irraa bayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan teennalle, dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin isa mowataneeran; lubbuu ifii adoo hin jaalatin du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran.