Revelation 12:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niiti taani koola risa gugurda lama kennaniifi aka isiini lafa gamoojiti baqate ganna sadifi nusa achi teete achiti qorqoratani, aka isiini had'iisa bofa suni dura baatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niitii taan koola risaa gugurdaa lama kennaniif akka isiin lafa gammoojjiittii baqattee ganna sadii fi wadhakaa achi teetee achiitti qorqoratan, akka ammllee isiin hadhiisa bofaa sun duraa baatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiinillee afoo bofaatii bara, barootaa fi wodhakkaa barootaa gara lafa gammoojji'ii waa itti nyaattuu barartee akka fagaattu koolli bajjaa lamaan gugurdaan kennameef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isiinillee afoo bofaatii bara, barootaa fi wodhakkaa barootaa gara lafa gammoojji'ii waa itti nyaattuu barartee akka fagaattu koolli bajjaa lamaan gugurdaan kennameef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
dubarttiin gara bakka lafa gammoojji'ii titti isi'iif qophaayee bararttee akka deemittuuf, koolli lamaan koola risaa ol aana'aa fakkaatu ni kennameef, achitti'llee boficha duranaa fagaattee, woggaa sadihii fi wolakka'aaf kunuunssaan qabamttee ni eeggamitti turtte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname.