Revelation 13:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa guddoo keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhaan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini bineensa toko ka galaana keesaa bahu arge. Gaafa kud'anifi mata torba qaba, gaafa ch'ufa ira sure hayyumati jira, mata ch'ufa irati maqa hamama t'aafani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin bineensa tokko ka galaana keessaa bahuu jiru arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba, gaafa cufa irra surree hayyumaatti jira, mataa cufa irratti maqaa hamamaa barreessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irra maqaa arrabaatitu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti bineenssi tokko garba ciisaa keessaa yoo bayu ni arge, gaaffan kudhanii fi mataawwan torbaa ni qaba ture, gaaffan isaa irra'llee gonfatawwan kudhanii ni jiran ture, mataawwan isaa irra'llee maqaan arrabaa ni jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba.