Revelation 13:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami booji'amu, hin booji'ama; nami goraade'een ijjeefamu goraadumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yenna tana barbaachitti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama qabu fed'ani inqabani; nama sheeftiini ijeesu fed'ani inijeesani. Worri Waaqaa obsafi d'ugefacha qabaachu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama booji'uu fedhan inbooji'an; nama goraadeen ijjeessuu fedhan inijjeessan. Warrii Waaqaa obsaa fi dhugeeffachaa qabaachuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantiin woyyootaa kanaan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Booji'amu'uuf ka ramadame ni booji'ama, billayaan ajjeefamu'uuf ka ramadame billayaan ni ajjeefama eegaa obissi worra Qulqullootaatii fi amantiin isaanii ka barbaachisu yeroo kanatti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami booji'amu, hin booji'ama; nami shallaaga'aan ijjeefamu shallaagumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yennaa tana barbaachitti.