Revelation 13:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineesa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle jabeenna bineensi qara qabu ch'ufa fuula isa durati garsiise. Inni lafafi waan isi keesa jira ch'ufa bineensa qara kad'achiise, ka madaani hamtuuni taani fayyite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee jabeenna bineensii qaraa qabu cufa fuula isaa duratti garsiise. Innii lafaa fi waan isii keessa jiraa cufa bineensa qaraa kadhachiise, ka madaan hamtuun taan fayyite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafa irra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajjeeftu irraa fayyee akka sagadaniif godha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafarra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajeeftu irraa fayyee, akka sagadaniif godha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
bineenssa jalqabaa bakka bu'ee aangoo isaatiin'llee ni hojjata ture, arddi'ii fi ka isii irra jiraatan marrinuu, bineenssa jalqabaatiif akka sagadan ni taasise, bineenssi kun'llee madaan haga du'aatiin isa gayu ka fayyeef, bineensicha jalqabaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineensa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe.