Revelation 13:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa goraade'een madayee, ammoo ka lubbuun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama lafa ch'ufa keesa tau waan mama ka inni fuula bineensa qara durati tolcheeni sosobe. Bineensi kaani nama lafa ch'ufatiini, Akheekha bineensa sheeftiini woraanani ammo induiini kaani fakaatu mid'aasa, guddisa jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama lafa cufa keessa taa'u, waan mamaa ka innii fuula bineensa qaraa duratti tolcheen sossobe. Bineensii kaan nama lafa cufaatiin, akeeka bineensa gooraadeen waraanan ammoo hindu'in kaan fakkaatu guddisa midhaassa, jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa shallaaga'aan madayee, ammoo ka lubbu'uun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje.