Revelation 13:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeessisuuf baalliin keennante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle bineensa lameeso kaani ee jed'ani, aka akheekha bineensa qara kaani hafuura jireenna iti guuru, aka akheekhi kaani dubbate, nama isa inguddimne ch'ufa ijeesu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee bineensa lammeessoo kaan akka inni akeeka bineensa qaraa kaan hafuura jireennaa itti guuru, akka akeeki kaan dubbatuu fi akka nama isa hinguddimne cufa ijjeesu, “Ee'e” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, worra fakii bineensaatii hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineenssi lammaffaa bineenssa jalqabaatiif suuraa hafuura jireennaa isaa kennu'uuf aangoon ni kennameef, hafuura jireennaa kennu'uuf aangoon ka kennameef'llee, suuraan isaa dubbachu'uuf akka dandda'uu fi isaaf worri hin sagadinne marri'llee akka ajjeefaman akka taasisuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeesisuuf baalliin kennante.