Revelation 13:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeeneef akkasi tolche.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni dandae woma ingurguru yokhaani imbitatu, yo akheekha kana qabaate male, akheekhi suni maqa bineensa yokhaani akheekha henna maqa isaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo akeeka kana qabaate malee namii tokkolleen dandaa'ee homaa hingurguru yokaan hinbitatu, akeekii sun maqaa bineensaa yokaan akeeka henna maqaa isaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maqaa bineensaa, yookaan ka malkata laakkobsa maqaa isaa hin qabne eennullee bituu yookaan gurguruu akka hin dandeenne godha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maqaa bineensaa yookiin Malkata laakkofsa maqaa isaa ka hin qabne eennullee bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenne godha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifa kanaan malkanni maqaa bineenssichaa muldhisu yookiin ka laakkofssa maqaa isaa hin qabnne naminni kum'llee, bitu'uuf ta'ee gurguru'uuf'llee hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeenneef akkasi tolche.