Revelation 13:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kunini qarooma feeti. Nami qalbi qabu ch'ufti waan henna suni ha hubatu, henni suni maqa namaati. Henni isii d'ibba jaafi jaatami jaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii kunin qarooma feeti. Namii qalbii qabu cuftii waan henna sun ha hubatuu, hennii sun maqaa namaati. Hennii isii dhibba jahaa fi jaatamii jaha (666).
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti kun ogummaa barbaada; ka sammuu qabu laakkobsa bineensaa haa laakkayuu. Laakkobsi laakkobsa namaa waan ta'eef, laakkobsillee dhibba jahaa fi jahaatamii jaha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti kun ogummaa barbaada ka sammuu qabu laakkofsa bineensaa haa laakkayuu. Laakkofsi laakkofsa namaa waan ta'eef, laakkofsillee dhibba jahaa fi jahaatamii jaha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ogummaan ka barbaadamu eegaa asi irratti, sammuu ka qabu laakkofssa bineensichaa haa yaadu, laakkofssichi ka muldhisu nama, laakkofssi'llee dhibba jahaaf jahaatamii jaha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja.