Revelation 13:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bineensi suni aka qeeramsa jira, miili isaa aka miila goorjama jira, afaani isaa aka afaani nyeench'a jirani. Jaweeni taani jabeennaafi guddinnaafi humna ufi ch'ufa bineensa suni kennite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bineensii sun akka qeeramsaa jira, miilii isaa akka miila goorjamaa jira, afaan isaa akka afaan nyeencaa jiran. Jawween taan jabeenna, guddinnaa fi humna ufii cufa bineensa sunii kennite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bineensi ani arge sun qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awwaaldiigessaati; afaan isaa akka afaan leencaati; Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bineensi ani arge sun, Qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awaaldiigessaa, afaan isaa akka afaan leencaa ti, Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineenssi arge'llee qeerranssa ni fakkaata ture, miilli isaa miila goljja'aa, afaan isaa'llee afaan leeniccaa ni fakkaata ture. Xaraan huminna fi teessoo aangoo guddaa'llee, bineesichaaf ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite.