Revelation 13:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii lafa jiru cuftii isa guddisa, akkas jechuun, nama maqaa isaa, adoo laftii hinuumamiin, kitaaba jireennaa ka elemoo hoolaa ka ijjeessanii keessatti hinbarreessin cufa jechuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan maruu hin sagadaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan.