Revelation 14:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaani'iititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini millannaani Ilme Hoola ta garaa Sioni jed'ani gubba ejitu arge. Isa woliini nama kunki d'iba tokotiifi afurtami afuriti jira, ka maqa isaatiifi maqa Abba isaa adda gubba qabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin millannaan elemoo hoolaa ka gaara Xiyoon jedhan gubbaa ejjitu arge. Isa waliin nama kuma dhibba tokkotii fi afurtamii afuriti jira, ka maqaa isaatii fi maqaa Abbaa isaa adda irraa qabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaaniititti barreeffame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunoo hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaanititti barreeffame, kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afuri.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti kunoo Hoolichi Gaara Xiyoonii irra dhaabatee ni arge, isaan woliin maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa kallacha isaanii irratti worri itti barreeffame, namoonni kuma dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaaniititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu.