Revelation 14:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Aarri farra isaani'iille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aari ibida worra gaargalchu haga hegeri oli deema. Nama bineensafi akheekha isaa kad'atuufi ka beesisa maqa isaa argate ufira qabuleeni boqota inargatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama bineensaa fi akeeka isaa kadhatu, ka beessisa maqaa isaa argate ufirraa qabulleen alkaan fi guyyaa boqota hinargatu. Aarii ibiddaa ka warra gaargalchuu haga jiru jireennaa oli deema.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ibidda isaan makkaraarssuu keessaa aarri bayu, bara haga baraa titti gara olii ni baya, bineenssichaa fi suuraa isaatiif'llee ka sagadan, malikata maqaa isaa'llee ka godhatan marrinuu, guyya'aa fi halkan'llee boqannaa hin qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aarri farra isaaniille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu» jedhe.