Revelation 14:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ol-gubbaa keessaa, “Haganaa achi worri Gootta'aan jiraataa du'u, worra badhaadhe jedhii barreessi” qoonqoo jettu dhage'e. Ayyaannille, “Ee, hujiin isaanii waan isaan hordottuuf, dadhabbii ifii irraa hin foorfatan” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini qonqo gubba baate ta, Waan kana t'aafi, Ayyaana isaa nama armaa achi huji Aabbo keesati duu jettu d'agaye! Lubbuuni waan jettu, D'uguma akasi. Worri suni huji jabdu iraa boqota, waan hujiini worraa worra gula deemtuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin qoonqoo gubbaa, “Waan kana barreessi, namii armaa achi adoo Aabboo hojjachuu jiruu du'e ka badhaadhe” jettu dhagaye. Hafuurii qulqulloolleen, “Dhuguma akkas; warrii sun waan hujiin warraa warra gula deemtuuf, hujii jabduu irraa boqota” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ol-gubbaa keessaa, «Haganaa achi worri Gootta'aan jiraataa du'u, worra badhaadhe jedhii barreessi» qoonqoo jettu dhage'e. Ayyaannille, «Ee, hujiin isaanii waan isaan hordottuuf, dadhabbii ifii irraa hin foorfatan» jedha.