Revelation 14:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa dhibiin, Galma Waaqaa san keessaa bayee, ka duumensa irra tee'e saniin, “Wonni lafa tanaa ta hammantu guutumatti bilchaateerti; yennaan haamma'aalle waan geeteertuuf, haantuu teetiin haam!” jedhee qoonqoo guddo'oon iyye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani d'ibiini Mana Waaqa keesaa baate, nama dumansa gubba tau qonqo guddooni yaamte waan jetteeni, Haamtu tante fud'ad'u haami. Hojjaani haamani yayu geete; mid'aani yayu bilchaatani muraansa gahani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan dhibiin Mana Waaqaa keessaa bahee, nama dumansa gubbaa taa'u qoonqoo guddoon yaamee, “Midhaan ya bilchaatanii fulaa dabranii, yohii haamanilleen ya gahee, haamtuu tantee fudhadhuu haami” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan biraallee mana woyyuu keessaa bayee, ka duumessa irra taa'e saniin, «Hennaan haama'aa waan gayeef haamtuu tee gadi ergii haami; sanyiin lafa irraa gayeeraa» jedhee laagaa gudda'aan iyye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan biraallee mana woyyu'uu keessaa bayee, ka duumeessa irra taa'e saniin, «Hennaan haama'aa waan gayeef, haamtuu tee gadi ergii haami. Sanyiin lafa irraa gayeera» jedhee laagaa gudda'aan iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
maleyikkaan bira'aa Mana Waaqeffanna'aatii bayeeti, ka duumessa irra taa'een qoonqqa ol aana'aan, «Callaa ardi'ii gayee jira, yeroon haama'aa'llee dhiyaatee jira!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa dhibiin, Galma Waaqaa san keessaa bayee, ka duumensa irra tee'e saniin, «Wonni lafa tanaa ta haammantu guutumatti bilchaateerti; yennaan haamma'aalle waan geetteertuuf, haantuu teetiin haam!» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye.