Revelation 14:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, ka ibidda irratti baallii qabu, addee ciincaan itti ciinceffamu biraa baye; inni ergamaa Waaqaa ka haantuu qara qaddu qabateeruun, “Unkuruurri midhaan muka woyini'ii waan bilchaateeruuf, haantuu teetiin unkuruura midhaan muka woyini'ii, muka woyinii lafaa irraa muriitii wolitti qabi” jedhee qoonoo guddo'oon iyye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani d'ibiini ta ibida qorqorattu fulla waan sorio irati qalaniti ga d'ufte. Isiini qonqo guddooni malaika haamtu harkaa qabdu yaamte waan jette, hamtu tante lafa keyad'u. Wolti qabi mid'aani zabibu lafa guuri waan mid'aani isi bilchaataniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan dhibiin ka ibidda qorqoraatu fulaa waan sooriyoo irratti qalaniittii dhufee, qoonqoo guddoon ergamaa haamtu harkaa qabu yaamee, “Midhaan wayinii waan bilchataniif haamtuu tantee lafa keeyyadhuu, walti qabii lafaa guuri” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeeraa, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee, ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeera, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ibidda irratti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa furdda biraan bayeeti, maleyikkicha haamttuu qaramitte qabatee jiruun, «Mataan firiiwwanii waan bilchaataniif haammittuu kee qaramaa ergi! mataawwan woyinni'ii maraa arddii irraa muriitii wolitti qabi!» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, ka ibidda irratti baallii qabu, addee ciincaan itti ciinceffamu biraa baye; inni ergamaa Waaqaa ka haantuu qara qaddu qabateeruun, «Unkuruurri midhaan muka woyni'ii waan bilchaateeruuf, haantuu teetiin unkuruura midhaan muka woyni'ii, muka woynii lafa irraa muriitii wolitti qabi» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye.