Revelation 14:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa sunille, haantuu ifii lafa irra wolaasee, unkuruura midhaan muka woyinii lafaa mara muree, addee midhaan woyinii mufiin Waaqaa guddo'oon itti cunfantutti qolaanse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi malaikaani haamtu ufi fud'atte, mid'aani zabibu guurte, duuba fulla zabibu iti ch'ach'arasani ta dalansu Waaqa keesa buufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf ergamaan haamtuu ufii fudhatee, midhaan zabiibuu kutee, fulaa dalaansu Waaqaa garsiiftu ta midhaan Waynii itti caccarassan keessa buuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan sun haamtuu ufii gara lafaa gadi darbee muka woyini'ii ka lafa jiru muree hulee cuunfaa woyini'ii ka lola Rabbii gudda'aatitti gate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan sun haamtuu ufii gara lafaa gadi darbee muka woyini'ii ka lafa jiru muree hulee cuunfaa woyini'ii ka lola Rabbii gudda'aatitti gate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkichi'llee hamttuu isaa gara arddi'ii titti ni erge, mataawwan firiiwwan woyinnii arddi'ii'llee ni mure, bakka itti cuunffaa dheekkamissa ol aanaa Waaqaa keessatti'llee ni gateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa sunille, haantuu ifii lafa irra wolaasee, unkuruura midhaan muka woynii lafaa mara muree, addee midhaan woynii mufii Waaqaa guddo'oon itti cunfantutti qolaanse.