Revelation 14:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Woyiniin sunille qacha'aan alatti addee woyiniin itti cunfantutti cunfante; dhiigi haga lugaama fardaa ol dheeratuu addee woyiniin itti cunfantu san keessaa bayee, haga kiilo meetrii dhibba sadii lola'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fullaani zabibu iti ch'ach'arasani moga dira jirti. Achiti ira sirbani d'iigi fulla suni keesa yae, lafa ira d'eerinni isaa meeli d'ibba tokofi sagaltama, ammalle d'und'uma afuri gadi qile.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fulaan wayini itti caccarasan sun moggaa dira jirti. Achitti irra sirban; dhiigii fulaa caccarassan sun keessaa yaa'e, haga luugama fardaa bira gahuutti olka'e; haga kiiloo metirii dhibba sadii lafa irra lola'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cuunfaan woyinii sanii qacha'aan alatti dhiitame. Dhiinni lafa irraa haga dhaabicha fardaa ol fagaate ka fageenni isaa haga harabaafata, yookaan meetira kuma tokkoo fi dhibba jahaatitu hulee woyiniin itti cuunfamu keessaa baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Cuunfaan woyinii sanii qacha'aan alatti dhiitame. Dhiinni lafarraa haga dhaabicha fardaa ol fagaate ka fageenni isaa haga harabaafata yookiin meetira kuma tokkoo fi dhibba jahaatitu hulee woyiniin itti cuunfamu keessaa baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Magaala'aan ala ka jiru bakka itti cuunffaa woyinnii magaala'aa titti'llee ni cuunffame, bakka itti cuunffa'aatii haga lugaama farddaa titti ka ol jedhee fi haga fageenna kiilomeetira meetira dhibba sadihi ka gayu, dhiiginni'llee bayee ni jige.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woyniin sunille qacha'aan alatti addee woyniin itti cunfantutti cunfante; dhiigi haga lugaama fardaa ol dheeratuu addee woyniin itti cunfantu san keessaa bayee, haga kiiloo meetira dhibba sadii lola'e.