Revelation 14:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadaa lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri suni barch'uma guddinnatiifi waan lubbu qaba afraanifi jaaroleti fuula deefate sirba haraa sirbe, ka nami tokoleeni dandae imbeenne worra male. Nami lafa keesa jiru ka baasani worruma ch'alla.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warri sun barcumaa guddinnaatti, waan lubbuu qabaa afraanii fi jaarrolleetti fuula deefatee sirba haaraa warra malee namii tokkolleen danda'ee hinsirbine sirbe. Namii lafa keessa jiru ka baasan warruma callaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennuufillee hin danda'amne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennufillee hin danda'amne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne.