Revelation 14:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri kun waan qulqullumma'aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho'o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te'anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii sun nama nadheeniin ufi hinxureesin, ka takka nadheen hinfuudhin. Fulaa elemoon hoolaa deemu cufa gula yaan; ya nama lafa cufa keessaa warra baasan, ammallee warrii sun warra angafaa ka Waaqaa fi elemoo hoolaatii baasan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year