Revelation 14:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni qoonqoo guddo'oon, “Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaayaa guddo'oo fi madda bisaanii dadeef sagada'a!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii qoonqoo guddoon, “Gaafii murtii isaa la gahee, Waaqaa sodaadhaa, guddisaa! Waaqa; lafa, gubbaa, galaanaa fi maddoo bisaanii cufa uumee gad jedhaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laagaa gudda'aan «sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagadaa'a» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Laagaa gudda'aan sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagada'aa jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni qoonqoo guddo'oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinnalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi madda bisaanii dadeef sagada'a!» jedhe.