Revelation 14:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, “Baabilooniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani d'ibiini ta qara taani gula deemte, qonqo guddooni waan jette, Ya jige, ya jige, Diri Babiloni guddaani! Inni daad'i ufi gosa ch'ufa obaase macheese — daad'i hamtu ta d'araa isaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan lammeessoo qoonqoo guddoon “Dirii Baabilon guddaan daadhii ufii hamtuu dharraa sharmuxoomaa gosa cufa obaaftee macheesitee ya jidde, ya jidde” jechaa ka qaraa kaan gula deemee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamaan lammeesso'oo ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddoon jidde! jidde! isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuu fi ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, «Baabiloniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti» jedhe.