Revelation 14:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, “Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani d'ibiini, ta sadeeso, lamaani taani gula deemte waan jette, Yo nami tokoleeni bineensafi akheekha isaa ka boch'ani guddise, ammalle akheekha adda yokhaani harka ufi ira argate,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan sadeessoo dhibiilleen, warraa gula deemee, qoonqoo guddoon, “Namii tokkolleen yo bineensaa fi akeeka isaa ka bocan ammallee akeeka addaa yokaan harka ufii irraa fudhatee guddise,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan sadeesso'oollee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu, yookaan kallacha ufii, yookaan harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan sadaffa'allee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu yookiin kallacha ufii yookiin harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka bira'aa maleyikkichi sadaffa'aa'llee qoonqqa ol aana'aan akkana jedha'aa isaan ni horddofe, «Bineensichaa fi suuraa isaatiif ka sagadan, malikata isaa kallacha isaanii irratti yookiin harka isaanii titti ka godhatan marrinuu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, «Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara,