Revelation 15:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabateertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini akheekha waan mama d'ibi gubbati arge: malaika torba ta gaargala torba harkaa qabdu. Tunini gaargala eegeeti, tanaani dalansuuni Waaqa hobaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin akeeka waan mamaa guddoo dhibii Waaqaa gubbaatti arge; warriilleen ergamtoota torba ta balaa torba harkaa qabdu. Kunin balaa eegee tanaan, dallansuun Waaqaa hobbaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf. Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.