Revelation 15:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan galaana dawiti fakaata arge; ka ibidaani wolkeesa jiru Anini ammalle worra bineensafi akheekha isaatiifi nama maqaani isa lamba fakaatu dabsate arge. Worri fulla galaana dawiti fakaatu ejaanje kiraari Waaqi worra kenne harka qabata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin waan galaana daawwitii fakkaataa ka ibiddaan walti makame arge. Ammallee warra bineensaa, bifa fakkeenna isaatii fi laakkomsa maqaa isaatiif dhaabatu irratti dabsachaa argatanii, Kiraara Waaqii warraa kennee harkaatti qabatanii, fulaa galaana daawwitii fakkaattu sun bira ejjaajjan arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkobsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii waaqeffata'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,