Revelation 15:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, “Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, hujiin teeti guddo'oo fi baasa! Ati mootii gosa biyya adda addaa, karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii sirba Muuse garbicha Waaqaatii fi sirba elemoo hoolaa, “Aabboo Waaqaa guddaa, wantii atin tolchitu cuftii waan mamaati. Karaan kankee ka dhugaati ammallee qajeelaa
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e; mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeela'aa fi ka dhuga'aati;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e, mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeella'aa fi ka dhuga'aati; Gooftaa ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudi hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, hujiin teeti guddo'oo fi baasa! Ati mootii gosa biyya adda addaa, karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!