Revelation 15:4 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gootta'a! Nami si hin sodaanne, ka maqaa keetille hin guddinne eennu? Si calla'attuu woyyicha; hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef, gosi biyya adda addaa mara dhufee, si'iif hin sagada” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ee Aabboo namii si hinsodaanne ka maqaa kee hinguddifne eennu? Si callaatti qulqulloo; gochii cuftii dhufteetti, marroo hujii tantee ta dhugaa, ta namii cuftii arguutiif sii sagadde jedhan” jechaa sirban.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaa! ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudii hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gootta'a! Nami si hin sodaanne, ka maqaa keetille hin guddinne eennu? Si calla'attuu woyyicha; hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef, gosi biyya adda addaa mara dhufee, si'iif hin sagada» jedhane.