Revelation 15:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabateertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani torbaani ta gaargala torba harkaa qabdu keesaa yaate, woya boofta adi uyifatani, woya worqi qomati maratani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii torbaan balaa torba harkaa qabdu keessaa yaatee, wayaa marduufaa adii uyifattee, wayaa warqii qomaatti maraatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkonni torbaa ka balaa torbaa harkaa qaban mana woyyu'uutii bayanii, uffata fuuttaa irraa hojjataman uffata mishaa qandhafaa uffatan; qaama isaanii ka sabbata worqi'iitiin hidhatan arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaa torbaa ka balaa torbaa harkaa qaban, mana woyyu'uutii bayanii, uffata fuuttaa irraa hojjataman uffata mishaa qandhafaa uffatan, qaama isaanii ka sabbata worqi'iitiin hidhatan arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
balaawwan torbanuu ka qabatanii ka jiran maleyikkoonni torbaa Mana Waaqeffanna'aatii ni bayan, uffata qulqulluu calaqisu adii leelashe'ee uffatanii jiran turan, laphee isaanii'llee woraanittillee worqqi'iitiin hidhatanii jiran ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran.