Revelation 15:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aari guddinnaafi jabeenna Waaqa keesaa yau Mana Waaqa guute. Nami tokoleeni Mana Waaqa seenu dad'abe, haga gaargali torbaani ka malaikaani torbaani d'ufteeni hobauti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aarii ulfinnaa fi jabeenna Waaqaa keessaa yaa'u Mana Waaqaa guutee, haga balaan torbaan ergamtootii torbaan dhufteen hobba'utti, namii tokkolleen Mana Waaqaa seenuu dadhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ulfinni Rabbiitii fi aarri hunna isaa mana woyyuu guute. Balaan torbaa ka Maleekkota torbaa haga raawwatamuuf eennullee gara mana woyyuu seenuu hin dandeenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ulfinni Rabbiitii fi aarri hunna isaa mana woyyuu guute. Balaan torbaa ka Maleekkaa torbaa haga raawwatamuuf eennullee gara mana woyyuu seenuu hin dandeenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Manni Waaqeffanna'aa'llee ulfinnaa fi huminna Waaqaa irraa ka ka'een aaran ni guuttame, maleyikkoonni torbaan ka qabatanii jiran balaawwan torbaa haga yeroo raawwatamanii titti, eennu'llee gara Mana Waaqeffanna'aa titti aseenu'uuf hin danddeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.