Revelation 16:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, “Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!” jettuun ani dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini qonqo guddo ta Mana Waaqa keesa malaika torbaaniini dubbattu d'agaye: Beena, d'aqa, qori torbaani ta dalansu Waaqa lafati jissa jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin qoonqoo guddoo Mana Waaqaa sun keessaa ergamtoota torbaaniin, “Beenaa, dhaqaa, qorii torbaan dallansuu Waaqaa lafaatti jissaa” jettee dubbattu dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Maleekkota torbaan laagaa guddaa «Deema'aatii mijuu dheekkamsa Rabbii ardii irratti jissaa'a» jedhu mana woyyuu keessaa hennaa bayu dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaa torbaan laagaa guddaa dhaqa'aatii mijuu xuwwe'ee ka lola Rabbii lafa keessatti jissaa'a, jedhu mana woyyuu keessaa dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkoota torbaniin, «Deemaa! dheekkamissa Waaqaa qabatanii ka jiran duloowwan torbban arddii irratti jissaa!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan jedhu, Mana Waaqeffanna'aatii yoo bayu ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, «Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!» jettuun ani dhage'e.