Revelation 16:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophawuuf bisaan lagaa sun goge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani jaeeso qori ufi galaana Efratiti jissite. Galaani gogoge, aka hayyooti mirgaa kara argatte taakitu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan jaheessoo qorii ufii galaana Efraaxiitti jisse. Akka hayyootii mirgaa karaa argatte taakkitu Galaanii ingoggoge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan jaheesso'oollee mijuu laga guddaa Efraaxis jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan jahaffa'aallee mijuu laga guddaa Efiraaxes jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan, karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan jahaffaa duloo laga ol aanaa Efraaxiisii irratti ni jisse, nugusota gara baya adu'uutii dhufaniif karaa qopheesu'uuf, bishaan lagichaa ni goge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophowuuf bisaan lagaa sun goge.