Revelation 16:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sadi ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini jinni hamtu sadi arge, ta raacha fakaattu, ta afaani jawetiifi afaani bineensatiifi afaani raaga d'ara keesaa yaatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin jinni hamaamtu sadii ta raacha fakkaattu, ta afaan jawwee, afaan bineensatii fi afaan raaga dharaa keessaa yaatu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Afaan xarichaatii fi afaan bineensichaatii, afaan nabiyyicha dharaatii'llee, raachota wonittoonni fakkaatan hafuuronni battiiwwan sadihiin, yoo bayan ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sad ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge.