Revelation 16:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tunini lubbu jinni ta waan mama tolchitu. Lubbuuni tunini sadeeni gara hayyoota lafa ch'ufa yaati, aka hayyoota tana guyya jaba ka Waaqa Gudda had'iisafi wolti yaamtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kunin hafuura jinnii ka waan mamaa tolchu; hafuurii kunin sadeen akka hayyoota tana guyyaa jabaa Waaqaa guddaa, waraanaa walti yaamuuf gara hayyoota lafaa cufa yaa'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan baasa ka taasisan hafuurota jinniiwwaniiti, hafuuronni kunniin guyyaa woraanaa ka Waaqa maraa danda'uu ta'utti namoota wolitti qabu'uuf, gara nugusota biyya lafaa mara ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.