Revelation 16:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, “Muummotte” jettu baate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani torbeeso qori ufi qilleensati jissite. Qonqooni guddooni barch'uma hayyuma ka Mana Waaqa keesa jiru keesaa baate waan jette, Ya tolchani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan torbeessoo qorii ufii qilleensatti jissee, jennaan qonqoon guddoon “Amma ya taate!” jettu barcumaa hayyummaa ka Mana Waaqaa keessa jiru irraa dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan torbeessoon mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan torbaffaan mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa, laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan torbaffaa'llee duloo qilleensa irratti ni jisse, teessoo Mana Waaqeffanna'aa keessa jiru irraa, «Raawwatame!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan ni baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, «Muummotte» jettu baate.