Revelation 16:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hangaasufi iyanafi mandiisuuni d'ufte, lafti chochoote. Haga nama uumani taka lafti akana inchochoone; chochoiti tunini ch'ufa ira hamtu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hangaasuu, iyyannaa fi mandiisuun dhuftee, laftii chochoote. Haga nama uumanii takka laftii akkana hinchochoone; chochoohaan tunin cufa irra hamtu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laagaan Bakakka'aatii fi gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafa irratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirima ta'ee hin beeku; kun maraa caale.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Laagaan Bakakka'aatiif gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafarratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirimaa ta'ee hin beeku. Kun maraa caale.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qooniqqi bakakka'aa, ka hangasu'uutii fi sochiin arddi'ii ol aanaan'llee ni ta'e, kana ka fakkaate sochiin arddi'ii ol aanaan naminni arddii irratti haga uumamee jalaqabee, ta'ee hin beeku.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku.