Revelation 16:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani qara d'at'e qori ufi lafati jissite. Madaani hamtuuni worra beesisa bineensa ufira qabuufi worra akheekha isaa guddiseeni baate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan qaraa dhaqee qorii ufii lafaatti jisse; madaan hamtuun gargalchituun warraa beessisa bineensaa ufirraa qabuu fi warra akeeka isaa guddiseen baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan duraa dhaqee mijuu xuwwe'ee lafa irratti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruu fi namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan duraa dhaqeeti mijuu xuwwe'ee lafa keessatti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruuf namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan jalqabaa dhaqeeti duloo arddii irratti ni jisse, malkanni bineenssichaa ka qabanii fi suuraa bineensichaatiif namoota sagadan irratti, bada'aa fi madaan makkaraarssu isaan irratti ni baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate.