Revelation 16:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'akhaani bokeeni roobuuni ka haga ratili d'ibba toko gubbaa lafati jige nama d'oose. Nami ch'ufti Waaqa abaare, maro d'aanicha d'akha bokaa ka gubba namati gadi roobe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhakaan bokkahii roobuun ka tokko tokkoon haga kiilo giraamii shantamaa ulfaatu Waaqaa gubbaa nama irra bubbu'e; waan dhaanichii dhakaa sun guddoo gargalchiisaa ta'eef, sun irraa ka'ee namii cuftii Waaqaa abaare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e; balaan guddisee waan guddaa ta'eef namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e, namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan, balaan guddisee guddaa waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokkoon tokkoon isaa haga kiilomeetira giraama afurtamii shanii ka ulffaatu baradaan sami'ii namoota irratti ni bu'e, balaan haalaan makkaraarssaa waan tureef namoonni waayee balaa barada'aatiin, Waaqa ni arrabssan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloogiraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane.