Revelation 16:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani sadeeso galaanafi maddo bisaaniti qori ufi jissite, duuba d'iiga tahani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan sadeessoo galaanaa fi maddoo bisaanitti qorii ufii jisse, jennaan dhiiga tahan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan sadeesso'oollee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan sadaffa'aallee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan sadaffaa duloo laggiinii fi burqqaalee bishaanii irratti ni jisse, isaan'llee diigaa ni ta'an,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane.