Revelation 16:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni, “Ee, Woyyicha, ka amma jirtuu fi durille jirtu, waan akkas murteef, ati sirri'i;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini malaika bisaani ta akana jettu d'agaye: Atini qorsuma tolchite tana keesati ka d'ugaati, Ee Qulqullo, ka ammafi durile jiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun anin ergamaa waan bisaanii beeku ka, “Ee atiin qulqulloon, ammaa fi duriillee jirtu, murtii tana muruun kee fulaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan bisaaniillee, «Gooftaa jirtuu fi ka turte, woyyuu'u! akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
bishaan irratti maleyikkaan aangoo qabu'llee akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Ka jirttuu fi ka turtte yaa Gooftaa Qulqulluu! Akkana waan murtteessiteef ati sirri'i,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni, «Ee, Woyyicha, ka amma jirtuu fi durille jirtu, waan akkas murteef, ati sirri'i;