Revelation 16:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinalle isaaf hin kennine.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Owi nama ch'ufa gube, nami maqa Waaqa, ka gaargala kana harkaa qabu, abaare; ammo worri daba iraa deebie jabeenna isaa faarsu dide.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Oowwi guddaan nama cufa gubee, warrii maqaa Waaqaa, ka gaargala kana irrati irree qabu inabaare malee, cubbuu irraa deebi'ee isa hinulfeesine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaaran; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaarani; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
namoonni oo'a ol aana'aan ni gubatan, balaawwan kanniin irratti aangoo ka qabu maqaa Waaqaa ni arrabissan, dhiifamaan'llee gara Waaqaa titti hin deebine, isa'llee hin kabajineen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinnalle isaaf hin kennine.